Umrii ABUT dheereessuuf Ummanni Tigraay wareegama hin malle kaffaluu hin qabu – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Umrii ABUT dheereessuuf Ummanni Tigraay wareegama hin malle kaffaluu akka hin qabne Paartiin Badhaadhinaa ibse.

Gareen ABUT dhiiga dargaggootaa dhangalaasuun bu’aan argamu akka hin jirre qabatamaan mul’achuu paartichi himeera.

ABUT daa’imman dabalatee dargaggoota umriin isaanii waraanaaf hin geenye waraanatti hirmaachisuun ummata ficcisiisuun ala bu’aan argamsiisee hin jiru jedheera.

Ammas waraanaa eegalameen wanti haaraan uumamu akka hin jiraanne ummanni naannoo Tigraay hubachuu akka qabu yaadachiiseera.

Gaaffiin ummataa misoomaa fi ijaarsa sirna diimookiraasiin malee waraanaan kan hin deebine ta’uu hubachiiseera.

Fedhiin hoggantoonni ABUT Ityoophiyaa diiguuf qaban yoomiyyuu kan hin milkoofne ta’uu eereera.

Ummanni Tigraay Umrii garichaa dheereessuuf jecha gatii hin malle kaffalaa turuu ibsuun, kun itti fufuu akka hin qabne gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment