Magaalli Maali?
Magaalli wiirtuu qaroomina ammayyaati. Magaalli giddugala murteessoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaati. Wiirtuu barnoota, saayinsii, teeknoolojii, daldala, gabaa, aartii, ogbarruuf birooti.
Siimboon caasaa olaanaa (superstructure) biyya tokkoo kan guutamu afaan, aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, ilaalchafi falaasama ummata magaalaa dhuunfateeni.
Aadaan ykn eenyummaan tokko dagaagee sirna ykn bakka bu’aa eenyummaa addabaabayii (mainstream culture) kan ta’u, olaantummaa magaala (sirna barnootaafi dinagdee) keessatti mirkaneessuuni.
Hundeeffama, Babal’dhinaafi Amaloota Magaalota Keenyaa
Hundeeffamniifi babal’dhinni magaalota biyya keenyaa bu’aa karooraa osoo hin taane, adeemsa babal’dhifannaa daangaafi gabbarsiisaa hordofee kan dhufeedha.
Magaalonni biyya keenyaa amma jiran hedduun, iddoowwan jarraa 19ffaa fi 20ffaa keessa buufata waraanaa turaniidha.
Magaalli lafa murtaa’aa qubsuma dhaabbataa hawaasati. Jiruufi jireenyi hawaasa magaalaa, irra caalaatti sektaroota tajaajilaa, daldalaafi indastiriiti. Haata’uutii, magaalonni biyya kanaa, amala umamaa lama qabu: tokko, eenyummaafi fedhii saboota muraasaaf dhaabbatu. Lama, caasessa baadiyyaa qorquu irratti ijaarame qabu. Dabareedhaan haa ilaallu.
Tokko: Eenyummaafi Fedhii Saba/oota Muraasaaf Dhaabbachuu Isaanii
Magaalonni naannoo keenya turan hedduun, hundeeffama irraa jalqabee buufata waraana gita bittaa fedhii calaqqee eenyummaafi hawaas-dinagdee isaa ummata keenya irratti fe’uuf babal’dhataniiti.
Aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, walumaagalatti giddugaleessa fedhii saba tokkoo ykn lamaa turan. Qubsuma waraanaafi tajaajiltoota bulchiinsaa iddoo biraatii dhufanii turan.
Kana jechuun wiirtuu humnoota ummata keenya tuffatu, qaanessuu, saamuu, gidirsu, hidhu, buqqisuufi ajjeesuu turan jechuudha.
Kanarraa kan ka’e, ummanni keenya magaalaa lafa eenyummaa isaatiin itti qaana’u, qabeenya isaa itti saamamu, yoo kana fudhachuu dide, diddaa isaatiin itti hidhamuufi itti ajjeefamu ta’uu hubate. Kanaafuu, magaalli kan keessa jiraatuu mitii, ooolee galuufiyyuu kan baqatu ta’e.
Magaalarraa baqachuun, dhiibbaa hanga har’dhaatti mul’dhatu ummataafi naannoo keenya irraan gahe. Akka biyyaatti, Oromoofi Oromiyaan lakkoofsa ummataa (%32) fi bal’dhina lafaatiin (%34.3) qooda olaanaa qabaatanis, lakkoofsa ummataa magaalaa jiraatuu hedduu gadi bu’aadha. Kun magaalaa naannoo keenya jiran keessattis dhugaadha.
Yeroo dhiyoo as, jijjiiramni jiraatus gahaa miti. Tilmaama lakkoofsa ummataa bara 2010 taasifameen lakkoofsa ummata Oromoo keessaa %85.1 baadiyyaa, %14.9 magaalaa jiraata. Lakkoofsi kun, ragaa ummata magaalaa naannichaa bara 1999 (CSA) bahe irra %2.7’n qofa fooyyee qaba.
Yeroo ammaa, magaalummaan naanniichaa (%21), giddugaleessa biyyaa (%31) irraa %10’n gadi bu’aadha.
Walumaagalatti, seenaan ummanni Oromoo magaalaa waliin qooddatu dheengaddaa hanga kaleessaatti seenaa kufaatii, dhiibamuufi cabiinsaa qofa jechuun ni danda’ama.
Keessumaa, magaalota giddu gala biyyattii keessatti, seenaan kun caalmatti hammaata. Magaalonni kunneen lafa, humna, dinagdeefi qabeenya ummata Oromootiin kan ijaaramaniifi babal’dhatan ta’anis, hanga kaleessaatti farra calaqqee eenyummaafi aadaa, siyaasafi tokkummaa Oromoofi Oromummaa turan.
Magaaloota kanneen keessatti dhimma dagaagina eenyummaafi fayyadamummaa dinagdee ummata Oromoo kaasuun waan hin fakkaanne ture.
Lama: Caasessi Magaalaa Biyya Keenyaa Baadiyaa Qorquu Irratti Kan Ijaarame Ture
Hariiroon magaalaa-baadiyyaa biyya keenyaa isa duraatiif kan loogu ture. Baadiyyaa dhoruun kan dhaabbate ture. Caasessa sirna ‘fiyudaalizimii’ irraa ka’u hanga ta’etti, baadiyyaa qorquun waanuma egamuudha. Sababa barbaachisummaa dinagdee irraa hin maddineen, dugda baadiyyaa irratti waan rarra’eef, ofiifiis maxxantuu, baadiyyaas qorqamaa taasisuun, omishaaf akka hin onnanne ba’aa itti ta’ee ture.
Hariiroon qorqaafi qorqamaa magaalaafi baadiyyaa gidduutti ijaarame, baadiyyaan omisha ofirraa hafaa (surplus) akka omishu kan hin jajjabeessine qofa osoo hin taane, kan hin dandeessisne ture. Kanaaf qabeenya hin tuqamne osoo harkaa qabuu, hiyyummaadhaan itti fufe.
Faallaan isaas dhugaadha. Dinagdeen hiyyummaa baadiyyaa, magaalota irraa meeshaalee soorataa, bu’aalee ogummaafi warshaalee akkasumas tajaajilaa bituuf kan hin dandeessisne turuu isaatiin, gama tokkoon magaalota omishaaf hin kakaasu; gama biraatiin dhufaatii olgahumsa (excellence) hin mirkaneessu. Bu’aan hariirichaa, gamni lamaanuu walqabatanii akka laamsha’an taasise.
Haalli kun deemee deemee biyya haawaasni %82 qonnarratti bobba’e keessatti, omishaalee qonnaa sadarkaa duraallee alaa galchuun hanga dirqama ta’utti kan geessise ture.
Walumaagalatti, ummata Oromoo addatti yoo ilaallu, amaloota magaalaa lachuunuu miidhamaa ture. Faayidaa magaalaa irraa argachuu qabu tokkollee akka hin arganne taasise.
Jijjiiramni amma tokko jiraatuus, qaawwi kun hanga yeroo dhiyootti ofharkisaa dhufeera. Ragaan bara 2008 (CSA) akka agarsiisutti, lakkoofsa ummata magaalaa jiraatuunis (%14.9) ta’ee dinagdeedhaan (CSA, 2010, %23.9 sarara hiyyummaatii gadii) fayyadamaa hin taane.
Barreeffama kanaan, amaloota magaalaa lameen bu’aa caasessaa ta’an irratti daangofnus, magaallonni keenya rakkoolee hedduu yeroo dheeraaf dhukkubsataa turan waliin jiru.
Kanneen keessaa rakkoolee dinagdee, tajaajila hawaasummaa, bulchiinsaafi eegumsa naannoo kaasuu dandeenya. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tuulaa rakkoolee gamlamee kanneen hiikuuf karoora addaa qopheessee jira. Hundeeffamni magaalaa SHAGGAR, yaadama magaalaa “Smart”, “Compact” fi “Polycentric” bu’uureffatee dhufes bu’aa tarkaanfii kanaati. Yeroo biraa bal’dhinaan kan ilaallu ta’a.
Guduunfaafi Akeekkii
Magaalli wiirtuu qaroominaa yoota’e, magaalaarraa fagaachuun qaroomina irraa fagaachuu ta’a. Ummanni Oromoo magaalaa irraa dhiibamee turuu isaatiin miidhaa gama hundaatiif saaxilameera.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa karoora adeemsa kana adda kutu qabachuun waa lama raawwachaa jira. Tokko, magaalaa hawaasa keenya fakkaattu qofa osoo hin taane faayidaan dinagdee isaa itti eegamu mirkaneessuuf riifoormii magaalaa qalqabeera.
Lama, rakkoolee buulchiinsaa, eegumsa naannoo, kenna tajaajilaafi kkf magaalota keenya hudhan furuu qofa osoo hin taane, wiirtuu saayinsiifi teeknoolojii, aartiifi ogbarruu, siyaasaafi dinagdee, sirna bulchiinsaafi tajaajila ammayyaa (smart city) taasisuuf karoora yeroo dheeraa qabatee hojiitti galaa jira. Magaalaan Shaggar modeela yaadama kanaa ta’a.
Madda: Miidiyaa hawaasaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa