Ummata Ityoophiyaa mara waliin taane Ityoophiyaa badhaate ni ijaarra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Ummata Ityoophiyaa mara waliin taane Ityoophiyaa badhaate ni ijaarra jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad, sagantaa guduunfaa duula nu filadhaa fi galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffameerratti argamuun haawasa taasiisaniin Jimmaan biyya jaalalaa, nagaa fi tokkummaa ta’uu ibsuun, hawaasa magaalichaa simannaa hoo’aa taasiisaniif galateeffataniiru.
Ityoophiyaa biyya misoomaan Afrikaa bahaatti moodeela taate ijaaruuf hojjenna jedhan.
Abbaa Jiraaf obsa qabu, aannaan yoo bule dhadhaa baha jedhu, ammas obsi injifannoo haaraa fideera jedhan.
Filannoo Waxabajjii 14, 2013 gaggeeffamurratti duulan ba’uun kaardii keenyaan Ityoophiyaa yaa dhaabnu jedhan.
Duula haala kanaan ba’uun filannoorratti hirmaachuun qaamolee olola sobaa nurratti oofaa jiran yaa qaaneessinu jechuun dhaamaniiru.
Jaalalaa fi nagaa ummata biyyattii hundaaf hawwaniiru.
Ummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaan yoo dhaabbatan humni kaayyoo keenyarraa nu dhaabu hin jiru jedhan.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment