Ummata dammaqsuun humna misoomaa fi diinagdee haa taasisnu-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Ummata dammaqsuun humna misoomaa fi diinagdee taasisuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan dubbatan.

Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa hundeeffamaa garee invastimaantii dhaabbilee misoomaa mootummaa gaggeeffamerratti, hoggansi mootummaa hoggansa diingdee ta’uu qaba jedhan.

Keessumaa ummata dammaqsuun humna misoomaa fi diinagdee haa taasisnu jedhanii, milkaa’ina humna misoomaa kanaaf hundeeffamuun dhabbilee misoomaa gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Dhaabbileen kunneen garee invastimantiin gurmaa’uun rakkoo hoggansa, teeknooloojitti fayyadamuu dhabuu, qisaasama qabeenyaa, wal dubbisuu dhabuu fi kanneen biroo gufuu diinagdee turan fura jedhaniiru.

Dhaabbileen misoomaa olaanoo 14 fi giddugaleessaa 22 Garee Invastimantiitti ja’atti kan gurmaa’an yoo ta’u, dhaabbileen kunneenis ‘O-Produce Group’, ‘Oro -Assembly Group’ , ‘Oromiyaa Agroo Group’, ‘Tumsaa Development Group’, ‘Oro – Construction Group’ fi ‘O-Mining Group’ ta’uun ibsameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment