Ummanni Tigiraay Shororkeessaa ABUT’n ni gaha jechuunii akka qabu hidhattoonni garechaa to’ataman dubbatan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Ummanni Tigiraay garee shororkeessaa ABUT’n ni gaha jechuu akka qabu hidhattoonni garechaa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to’ataman himan.

Hidhattoota garechaa adda Maayitsabiriin haleellaa raawwachuuf dhufan keessa kan umriin waggaa 45 Haddush Tafarraa tokko.

Haddush akka jedhutti Onkoloolessa 2013 hojii qonnaa hojjechaa utuu jiru hidhattootaan dirqisiifamee gara waraanaatti akka ergame dubbata.

Boodarra garecha harkaa miliquun gara Shiree erga deemeen booda ammas qabamee gara lolaatti akka seensee turee fi yeroo 3ffaaf miliquun maatii isaa Maqalee jiran biratti deebi’us irraa deebiin addaa Maaytsabiriitti akka ergame ibsa.

Yeroo ammaa waraana kanaan dargaggooni Tigiraay hedduun kan dhumaa jiran ta’uu eeruun, ummanni Tigiraay garee shororkeessaa ABUT’n ni gaha jechuu akka qabu jedha Haddush.

Daragaggoon konkolaachisaa turuu dubbatu Iqubaayi Gabiramadiin ammoo garee shororkeessichaa jalaa miliquun bakka biraa deemus, abbaan isaa waan hidhameef garee shororkeessichaatti akka makame dubbata.

Addaa Maayitsabriitti Haddushii fi Iqubaayiin dabalatee hidhattoonni hedduun garechi leenjisuun gochaa shororkeessummaaf erge Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to’atamaa jiraachuun eerameera.

Kanneen to’annoo jala oolfaman kunuunsaa taasifamaafii jiruuf galateeffatanii, hiriyoonni isaanii biroon garee shororkeessichaaf hiriiran nagaan harka akka kennan waamicha dhiyeessaniiru.

Miniychil Azzazeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment