Ummanni sirna haqaarratti amantaa akka qabaatu qulqullinaan hojjechuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Ummanni sirna haqaarratti amantaa akka qabaatu fi tajaajila barbaachisaa akka argatuuf qulqullina irratti xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun eerame.

Waltajjiin marii Baastota Seeraa Biyyaalessaa Magaalaa Harariitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon, hawaasni sirna haqaarratti komii waan qabuuf rakkoolee sirnicharratti mul’atan hambisuuf hojmaataa seeraa hordofuun, dhaabbilee haqaa cimsuun barbachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbileen kunneenis teeknooloojiin deeggaramuun tajaajila qulqullina qabu kennuun kan irraa eegamu ta’uu kaasaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar gama isaaniin, sirna hqaa ammayyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, fooyyessi taasifamaa jiru duubatti akka hindeebinee fi bu’aa qabeessa akka ta’uuf, deeggarsi Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa taasisaa jiru cimee itti fufuu akka qabu akeekaniiru.

Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon gama isaaniin, komiin qaamolee haqaarratti ka’u rakkoo haqaa qofa utuu hintaanee, rakkoo bulchiinsa gaarii fi nageenyaa fa’aa ta’uun mootummaa fi ummataa walirraa fageessaa akka jiru kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gama isaaniin, hawaasni sirna haqaarraa amantaa akka qabaatuuf hojii ce’umsaa qaamolee haqaa sadarkaan jiranii itti fufsiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Ta’us, hoggantoonni naannolee tumsa taasisaa waan hinjirreef tumsa akka taasisan Afyaa’ota Mana Maree naannolee gaafachuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’ota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Tewoodiroos Mihireet, komii ummataa abbaa murtiirraatti ka’u hambisuuf walabummaa abbaa murtii haala hintuqneen qulqullina haqaa mirkaneessuuf walta’iinsaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment