Ummanni Sidaamaa fi Itiyoophiyaa Duudhaa dhiifamaa, araara, tokkummaa fi gammachuu abbootirraa dhaalan tikfachuu fi kunuunsuu qabu – Obbo Dastaa Leedaamoo

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC) – Ummanni Sidaamaa fi Itiyoophiyaa Duudhaa dhiifamaa, araara, tokkummaa fi gammachuu abbootirraa dhaalan tikfachuu fi kunuunsuu qabu jedhan Pireezidaantiin Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo.

Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo, Ayyaantuuwwan fi abbootiin beekumsa duriirraa eegalee qaroomina qaban agarsiisuun urjii lakkaawwanii, addeessa laalanii guyyaa jalqabbii bara haaraa akkuma nutti himan,Duudhaan ayyaanichaa waljaalachuu fi bara haaraatti cehuu isaatiin, nageenya keenya eeggachaa, misooma naannoo keenyaa irratti cimnee hojjachuuf waadaas kan itti galluudha jedhan.

Simpooziyeemiin jala bultii ayyaana Cambalaalaa Hawaasaa Galma Aadaa Sidaamaatti qophaa’eera.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee keessummoonni biroon saganticharratti argamaniiru.

Waltajicharratti pirezidaanti Dastaan, Aadaa fi safuu sirna kabaja caambalaalaa keessa jiru, Ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaanonni hundi fudhatanii osoo hojiirra oolchanii, waldhiibuufi waldhabuun hafee, biyya ofii jaalachuu, walkabajuufi nageenya fiduu irratti fakkeenya tahu jedhan.

Ayyaanni Fiichee Caambalaalaa hambaalee kiliyaa Itiyoophiyaan UNESCO irratti galmeessifatte kuni, jala bultii isaarratti, sirna Fiichee kan kabaju yoo tahu, boru ammoo jijjiirraa bara haaraa sirna hulluuqoo bariin eegalamuun dirree Gudumaalee jedhamurratti ni kabajama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment