Ummanni Oromoo ummata aadaa fi duudhaa gabbataa, sirna bulchiinsaa Gadaa kalaqee ittiin bulaa fi walbulchaa tureedha – Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga geessanii Ayyaana Irreechaa dabarsaniiru.
Obbo Shimallis Ummanni Oromoo marti baga kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2014 nagaan geessan jedhan.
Guutuun ergaa baga geessanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Ummanni Oromoo ummata aadaafi duudhaa gabbataa, sirna bulchiinsaa Gadaa kalaqee ittiin bulaafi walbulchaa ture, ummata falaasama hunda-galeessa, madaala uumaafi uumamaa eegu diriirsee jiruuf jireenyaa isaa geggeessaa turedha.
Oromoon uumama kabaja. Ganni darbee birraan yoo bari’u, bonni bahee arfaasaan yoo seenu Oromoon Malkaafi Tulluutti irreeffata.
Uumamaan uumaa kadhata.
Maree Hoo! Maree Hoo! iechuun uumaaf galata galcha! Kennaa uumaan kenneef deebisee kennuun dinqisifata. Barri maree dhufe maree akka naanna’u abdiifi hawwii badhaadhinaaf qabu weeduun ibsata.
Irreechi Malkaa waqtii birraa kabajama. Dukkanarraa gara ifaatti ce’uu agarsiisa. Birraan waqtii midhaan daraaree asheetu, lagni guutee ture itti hir’atu, firriifi lammiin walirraa fagaatee ture itti wal arguufi waqtii wantootni abdii dhala namaa haaromsan baayeen itti mul’atanidha. Yeroo Birraan bari’uu laftii jiidhaafi magariisa.
Oromoon kanaaf coqorsa jiidhaafi daraaraa qabatee malkaatti irreeffata.
Coqorsii hiika guddaa qaba. Gosa margaa keessaa kan akka coqorsaa rakkoo dandamatuufi jabina qabu hin jiru. Kana malees, coqorsi akka mallattoo jireenyaati ilaalama. Walumaagalatti Irreechi birraa marga jiidhaan madda jiidhaatti irreeffatama jechuudha.
Karaa biraatiin Irreechi Ayyaana galataa, araaraa, jaalalaafi tokkummaati. Galata waaqaa galchu. Araarri dhala namaafi uumaa akkasumas dhala namaa gidduutti akka bu’u kadhatu. Irreechi Ayyaana jaalalaafi tokkummaati. Gaafa Irreechaa Oromoon afaan galataafi araaraa malee waan hamaa hin dubbatu.
Kana malees, akkuma Sirna Gadaa, Irreechis gaaddisa waloo, Oromoon marti garaagarummaa tokko malee jalatti walgahudha. Ibsituu caaya tokkummaa Oromummaati jechuudha.
Irreechi guyyaa walargii qofa otoo hin taanee guyyaa eegumsa nagaa waloo itti cimsanidha. Nagaan waloo tokkummaan cima.
‘Maree Hoo! Maree Hoo!’ jechuun weeddisuun afaan tokko dubbachuudha! Coqorsa jiidhaa qabachuun abdii tokko qabaachuu mul’isa! Malka tokkotti tokkummaan irreeffachuun kaayyoo walfakkaatuufi egeree tokko qabaachuu agarsiisa. Kana waan ta’eef Oromoonni miiliyoonaan lakkaa’aman faaya Oromoon faayamanii ifanii mul’atu.
Aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksisu.
Biyya keenya keessatti ayyaanota gurguddoo namoonni baay’inaan bahanii kabajan keessaa inni guddaan Ayyaana Irreechaati.
Irreechi ayyaana hawwattummaansaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufedha. Sadarkaa biyyaattis yoo ilaalle ayyaanni Irreechaa ayyaana sabaaf sablammoonni biyya keenyaa irratti argamaniifi hirmaatan, ayyaana hammattummaafi guddummaa ummata Oromoo agarsiisu ta’uu danda’eera. Irreechi ayyaana nagaafi araaraa, ayyaana galataa, ayyaana tokkummaa Oromoo ijaaree itichaa jiru, ayyaana aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksisedha. Kun qabeenya hawaasummaa dilboo guddaadha.
Madda turiizimii guddaadha. Qabeenya kana qixa sirriin itti gargaaramnee naannoofi biyya keenya ittiin beeksisuu qabna.
Irreechi Malkaa Finfinneefi Hora Har-Sadee Fulbaana 22fi23/2014 walduraa duuba kabajamu Irreecha nagaa, araaraafi dhiifamaa akkasumas kan tokkummaan obbolummaa daran itti dagaaguu akka ta’u Maqaa koofi Maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan hawwii koo ibsuun barbaada.
Irreechi Irree keenya!
Ayyaana Gaarii!
Obbo Shimallis Abdiisaa, Preezdantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment