Ummanni Oromoo fi Sidaamaa ummatoota adda hin ummata waan walitti hidhamaniidha – Obbo Dassitaa Leeddamoo

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Mariin Nageenyaa magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.

Mariin hawaasaa kun “Obbolummaa Sabdaneessaa Nageenya Waara fi badhaadhina hunda galeessaaf” mata duree jdhuun gaggeeffameera.

Waltajjicharratti kan argaman Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddamoon Ummanni Oromoo fi Sidaamaa ummatoota adda hin ummata waan walitti hidhaman ta’uu ibsaniiru.

Ummattoonni lamaan yeroo rakkoo fi gammachuu waliin kan dhaabbatan, Itiyoophiyaa itichuuf waliin kan kufan, kaayyoo waloof waliin kan wareegaman ummata obboleeyyanii ta’uu himaniiru.

Jiraattoonni maricharratti hirmaatanis rakkoon nageenyaa fi hanqinni bu’uuraalee misoomaa akka furamuuf gaafataniiru.

Mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuu fi qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaby gaafachuu isaaniin himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment