Ummanni nageenyaa fi tasgabbii naannoosaa mirkaneeffachuu cinaatti, hojiiwwan misoomaa humna guutuun raawwachuu akka danda’u agarsiise – obbo Shimallis Abdiisaan

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Ummanni nageenyaa fi tasgabbii naannoosaa mirkaneeffachuu cinaatti, hojiiwwan misoomaa humna guutuun raawwachuu akka danda’u agarsiisuu preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hojii waqtii Bonaa Baadiyyaatti raawwatamaa Jirurratti ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaateera:-

Kabajamaa ummata naannoo keenyaa

Barri kun bara fagoo yaadnee, guddaa karoorfannee, xiqqaarraa eegallee hojjechuudhaan milkii Badhaadhinaa mirkaneessuuf raawwachaa jirruudha.

Hojii Waqtii Bonaa raawwachuuf karoorfanne gurguddoo afur akka qabnu ni beekama.

Isaanis: Hojii ijaarsa daagaa, kunuunsa biqiltuuwwan ganna darbe dhaabbatanii, Qonna Jallisiifi biqiltuuwwan bara dhufu dhaabbatan qopheessuu akka ta’e ni yaadatama.

Ummanni naannoo keenyaa karoora imala Badhaadhinaa mootummaa waliin qopheessuurraa hanga waamicha misoomaa darbu hunda fudhatee hojii qabatamaatti hiikuun bu’aa lakkaa’amu galmeessuutti qophaa’ummaa agarsiise dinqifannaa addaatiin ilaalla.

Keessattuu, guyyoottan 20n darban kanatti baadiyyaa bakkeewwan hundatti hojii Bonaa ijaarsa daagaa, Qonna jallisii, kunuunsa biqiltuuwwan ganna darbe dhaabbataniifi Qophii biqiltuu ganna dhufu dhaabamurratti waan hanga ammaatti raawwatame daran ol’aanaa ta’uu mirkaneeffanneerra.

Ummanni keenya nageenyaafi tasgabbii naannoosaa mirkaneeffachuun cinaatti, hojiiwwan misoomaa jiruufi jireenyasaa bu’uurarraa jijjiiran humna guutuun raawwachuu akka danda’u Kan agarsiiseedha.

Kana malees, waamicha hojii misoomaa mootummaan dabarsu dhaggeeffatee fudhachuun karaa bu’aa qabeessa raawwachuuf kutannoon agarsiise ammoo hoggansa jijjiiramaa daran Kan honnachiise ta’uu ibsuun fedha.

Kabajamaa ummata naannoo keenyaa

Raawwii hojii Bonaa kana keessatti aduun waadamtanii, dadhabbiin osoo hin injifatamin hojii boonsaa raawwattaniif maqaa bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galanniifi kabajaan isiniif qabu daran ol’aanaa ta’uu ibsuun fedha.

Carraa kanatti fayyadamee, hanga waan akeekne raawwannutti, galma badhaadhinaa qabanne milkeessinutti, boqonnaa malee akka hojjennuuf imaanaa jechuun fedha.

Ammas fuul-dura keenyatti hojiiwwan hedduutu nu eeggata.

Waqtii Bonaa yeroo hafe kanatti hojiiwwan raawwachuu qabnu baay’eedha.

Kanneen calqabne cimsinee itti fufsiisuun cinaatti, ijaarsa pirojeektota gurguddoo mil’achuufi yaadaafi qabeenyaan tumsuun, ammarra teenyee hojii ganna dhufuutiif of qopheessuun, muuxannoowwan raawwii hanga ammaa keessatti arganne babal’isuun hojiiwwan hunda karaa bu’aa qabeessummaa mirkaaneessuun raawwachuun ergama hunda keenyaa ta’ee itti fufuu qaba.

Caasaan mootummaa sadarkaan jirtanis, raawwii hanga ammaatti jiruun gammaddanii kan of dagattan dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Komiinikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment