Ummanni naannoo Amaaraa fi Tigraay hariiroo seenaa waliin qaban akka cimsan gaafatame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Ummanni naannoo Amaaraa fi Tigraay hariiroo seenaa waliin qaban akka cimsan gaafatame.

Ummanni Amaaraa fi Tigraay hariiroo hawaasumaa, diinagdee fi siyaasaa cimaa akka waliin qaban ibsameera.

Haata’uti yeroo ammaa gochaa hariiroo ummata naannoo lamaan gidduu jiru miidhu ofi keessaa baasuu akka qaba himameera.

Waltajjiin marii hariiroo ummata nannoo lamaani cimsu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajji marii kun  Ministeera Nageenyaa kan qophaa’e yoo ta’u, marsaa 2ffaaf gaggeeffama jira jedhame.

Waltajjichi tokkummaa fi hariiroo ummata lamaan gidduu jiru cimsuuf kan gargaaru ta’u ibsameera.

 

Comments (0)
Add Comment