Ummanni Naannoo Afaar duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuurratti akka hirmaatuuf waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC)-Sagantaa duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu guyyaa boru gaggeeffamurratti ummanni naannichaa dammaqinaan akka hirmaatu Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Awwal Arbaan duulichaaf qophiin haalduree xumuramuu ibsaniiru.

Naannichatti waggoottan darban sagantaa Ashaaraa magariisaa gaggeeffameen bu’aan qabatamaan argamuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Hagayya 17, 2016 duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf ummanni naannichaa ganama sa’aatii 12:00 irra eegale dammaqinaan akka hirmaatuuf waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment