Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC)- Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin jiraattoota Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam Ganda Aannoo Qarree waliin mari’ataniiru.
Obbo Awwaluun gurmaa’insa haaraa gandichaa daawwachuun jirattoota waliin dhimmoota misoomaa fi nageenyaa irratti mari’ataniiru.
Obbo Awwaluun, rakkoo nageenyaa keessaa bahuun kan danda’amu yoo ummanni gurmaa’e waloon qa’ee isaa eeggateedha jedhan.
Nageenyaa amansiisaa gochuufis hawaasni qa’ee fi qabeenya isaa eeggachuu akka qaban dhaamuu OBN gabaaseera.