Ummanni Guraagee jijjiramni biyyalessaa akka galma ga’uuf gumaacheera-Obbo Indaashaawu Xaasawu

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Ummanni Guraagee jijjiramni biyyalessaa akka galma ga’uuf gumaacha taasisuu Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaawu Xaasawu dubbatan.

Hiriirri deeggarsaa mootummaa jijjiiramaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Walqixxeetti gaggeeffameera.

Obbo Indaashaawuu saganticharratti ergaa dabarsaniin, ijaarsa mootummaa keessatti ummanni Guraagee gumaacha taasisuu kaasaniiru.

Jijjiiramni siyaasaa akka galma ga’u, hojiileen riifoormii akka milkaa’aniif sabootaa Itiyoophiyaa biroo waliin ta’uu gumaacha gama isaa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Jijjiramaan boodas gaaffii naannoon gurmaa’uu barootaf dhiyeessaa tureen, fayyadamummaa waloo ummatootaa mirkaneessuuf deebiin kennamuu ibsaniiru.

Gurmaaa’ina naannichaa kanneen hinsimannee humnoonni keessaa fi alaa burjaajii uumuun gochaalee ummataa Guraagee bakka hinbuune raawwachaa turuu kaasaniiru.

Ammaas taanaan imala jijjiiramaa saffisiisuuf kallattii mootummaan akeekuun ummanni Guraagee ni hojjeta; ijaarsa nageenyaa, siyaasaa fi diinagdee akkasumas guddina hawaasummaaf ciminaan kan hojjetamu ta’uu Obbo Indaashaawu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment