”Ummanni goota hin qabne seenaa hin qabu”- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015 (FBC) – “Ummanni goota hin qabne seenaa hin qabu”-jedhan Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Waggaa 100ffaa Guyyaa Dhalootaa Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu ilaalchisuun kitaabni seenaa goota Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa har’a Hoteela ‘Sky Light’tti bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,Pireezidaantii duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abbaaduulaa,Gammadaa, Abbootiin Gadaafi Keessummoonni biroo argamanitti eebbifameera.

Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu goota qabsoo Oromoo keessatti maqaansaanii iddoo guddaa qabu ta’uu Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa irraa waan sadii irraa hubachuun, kaayyoosaanii sadan galmaan gahuuf ni hojjenna jedhan.

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaan qabsoon Ummata Oromoo barnoota qofaan akka galma gahu hubatani turan jedhan.

Kanaaf, nutis kaayyoo fi mul’atasaanii galmaan gahuuf dhaloota barsiisaa jirra; kaayyoofi mul’anni goota kanaa foon uffatee lubbuu horatee deemaa jira jechuun ibsaniiru.

Birgaadeer jeneraal Taaddasaan Oromoon ijaaramuu akka qabu hubachuun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hiriyoota isaa waliin hundeessuu isaanii ibsaniiru.

Oromummaan amantaadha ol akka ta’es hubachuun tokkummaa Oromuuf hojjechaa turuu isaanii ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment