Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Ummanni Afaar garee shororkeessaa ABUT iddoolee garaagaraatti riphee jiru barbadeessuun ofii fi naannoo isaa baraaruu akka qabu Preezdaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa ibsan.
Obbo Awwal Aarbaan magaalaa Samaraatti Artiistoota waliin mari’ataniiru.
Ummanni Afaar garee kisaan hamilee fi meeshaalee irra ga’uun abdii kutataa jiru barbadeessuun ofii fi naannoo isaa baraaruu akka qabu ibsaniiru.
Ummanni Afaar garee shororkeessaa kana boqonnaa dhorkaa jiraachuu Obbo Awwal Aarbaan eeraniiru.
Garichi naannoo Afaar akka ce’umsaatti fayyadamuun Ityoophiyaa unkuruuf shirri karoorfate jalaa fashalaa’uu himaniiru.
Ogeeyyiin Aartii awwalchaa garee shororkeessaa kanaa raawwachuuf Raayyaa Ittisaa, Qaamolee Nageenyaa fi Ummata jajjabeessuun qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.