Ulaawwan nagaa banaa taasisuun nageenyaa mul’ataa jiruuf bu’uuraa ta’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)-Ulaawwan nagaa humnoota hundaaf banaa taasisuun nageenyaa akka biyyattiitti nagaa mul’aataa jiruuf bu’uura ta’eera jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootumaa Dooktar Laggaasaa Tulluun.

Dooktar Laggaasaan Ibsa haala yeroorratti miidiyaaleef kennaniin, waliigaltee nageenyaa Kutaa Kaabaa biyyattii, Naayiroobi, Piriitooriyaatti gaggeeffame nageenya amma mulataa jiruuf gumaachuu himaniiru.

Akkasumas, hidhattoonni Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa gara nagaatti dhufuun, naannawaalee kanneenitti nageenyii fi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasiseera jedhan.

Dabalataanis nageenya mirkaneessuuf tattaaffii Shanee waliin eegalamee cimee kan itti fufu ta’uu Dooktar Laggaasaan eeraniiru.

Mootummaan, nageenya, heeraa fi sirnaa heeraa, tokkummaa bulchiinsaa fi tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessan haaldureef kan hindhiyeessine ta’uu kaasaniiru.

Hojiilee nageenyaa mirkaneessuuf dhaabbilee nageenyaa cimaa uumuu, hojiileen ce’umsaa haqaa mirkaneessuu cimee itti fufuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa cimaa ijaaruun, naannoleetti ammoo Poolisii Idilee cimaa ijaaruuf hirmaanaan taasifamaa jiru cimee itti fufuu dubbataniiru.

Nageenya, waaraa taasisuu, haaloo bahachuu dhiisuu, ilaalcha herregaa buusuu fi jibbiinsaa keessaa bahuu, ce’umsa haqaa mirkaneessuun cimee akka itti fufuu kallattiin kaa’ameera kan jedhan Dooktar Laggasaan, hawaasnis kallattiileen kunneen akka galma ga’aniif hirmaanna baratame akka taasisan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment