Uhuuruu Keeniyaatan itti aanaan isaanii aangorraa akka ka’an gaafachuu hordofee gidduu isaanitti waldhabdeen uumame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatan itti aanaan isaanii Wiiliyaam Ruutoon aangorraa akka ka’an gaafachuu hordofee gidduu isaanitti waldhabdeen uumamuu dhaga’ame.
Preezdaant Keeniyaatan, Wiiliyaam Ruutoon sochii siyaasaa murteessaa ta’erratti tarkaanfii fudhachaa hin jiran jechuun aangorraa akka ka’an gaafachuu hordofee waldhabdeen gidduu isaanitti uumamuu ibsameera.
Keeniyaatti Baatii Haggayyaa filannoo waliigalaa gaggeeffamuuf kaadhimamtoonni 47 kan dhiyaatan yoo ta’u, akkaataa seera filannoo Keeniyaatti Preezdaant Keeniyaatan filannoo marsaa 2 booda dorgommiif dhiyaachuu hin danda’an.
Itti aanaan isaanii Wiiliyaam Ruutoon Muummee Ministiraa Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaaf sagalee deeggarsaa laachuun isaanii Preezdaant Keeniyaataa mufachiiseera jedhame.
Qaamoleen lamaan sirna awwaalchaa Muuwaay Kiibaakii irratti wal arguun harka osoo wal hin fuudhiin adda ba’uun isaanii waldhabdee isaanii caalmaatti hammeessuu ‘Africa News’ gabaaseera.
Filannoo Keeniyaaf dhimmi ijoon qaala’iinsa jireenyaa yoo ta’u, Preezdaant Keeniyaatan Dilbata darbe kaffaltiin Mindaa gadi aanaan %12 akka dabalamu murteessuun kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment