Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC)- Ugaandaa fi Sudaan Kibbaa daandiiwwan rakkoo nageenyaa qaban waloon eeguuf waliigalaniiru.
Biyyoonni lamaan daandiiwwan rakkoo nageenyaa qaban Kaaniimuul hanga Juubaa jiru waloon eeguuf waliigalaniiru.
Biyyoonni lameen waliigaltichaa kan raawwataan konkolaattoota jajjaaboorra karaa hin beekamneen hidhattoonni haleellaa erga qaqqabsiisanii boodadha.
Waliigaltichis kiloo meetira 10 irratti sakattoo taasisuun akka keessaatti haammatamuu itti aanaa Muummee Ministiraa Ugaandaa Reebeekaa Kaadaagaan himaniru.
Torbee darbee konkolaattoonni fe’umsaa jajjaaboon ce’umsaa Afrikaa lixaa rakkoo nageenyaan walqabsiisee haleelamuu fi konkolaattoonni jajjaboon fe’umsaa kumni 1 ol daandii olaanaarra dhaabbachuun isaanii ibsameera.
Bara kana yoo xiqqaatee daldaltoonnii fi konkaalchistoonni 30 ta’aan lubbuun isaanii dhabaniiru.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.