Uffata qaamolee nageenyaa biyya keessatti oomishuun baasii Doolaara miiliyoona 60 baraaruun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Uffata qaamolee nageenyaa biyya keessatti oomishuun baasii sharafa alaa Doolaara miiliyoona 60 baraaruun danda’amuu Ministeerri Indaastirii ibse.

Ministeerichi sadarkaa biyyaalessaatti raawwii dhiyeessii uffata qaamolee nageenyaa irratti qaamolee dhimmamtoota federaalaafi naannolee waliin mari’achuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal, Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun oomishaalee alaa gala turan oomishaalee biyya keessaa qulqullina qabaniin bakka buusuun sadarkaa sona dabaluu %62 irraan gahuun danda’amuu ibsaniiru.

Adeemsa uffata qaamolee nageenyaa kan biyya keessaan bakka buusuu keessatti hanga ammaatti lammiilee kuma 18 oliif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Warshaaleen 18 oomisha isaarratti hirmaachaa jiraachuu eeruun, baasii sharafa alaa Doolaara miiliyoona 60 baraaruun danda’amuu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment