tyoophiyaatti tattaaffii Diinagdee cimaa ijaaruu fi nageenya waaraa buusuuf taasiifamu Kaanaadaan kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Diinagdee cimaa ijaaruu fi nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggartu ta’uu Kaanaadaan ibsite.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kaanaadaa Isteefanii Joobiin hariiroo fi michummaan Ityoophiyaa fi Kaanaadaa cimaa fi bara dheeraa kan ture ta’uu dubbataniiru.
Rakkoo haala waqtaawaa Ityoophiyaan yeroo ammaa keessa galte akka hiikkatuuf Kaanaadaan tumsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu himaniiru.
Keessattuu Diinagdee Cimaa fi sirna Fayyaa dubartoota giddu galeeffate diriirsuuf tattaaffii taasiifamu Kaanaadaan kan tumsitu ta’uu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Maree biyyaalessaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf adeemu Kaanaadaan akka waan gaariitti fudhatti jedhan.
Waliigalteen biyyaaleessaa akka uumamus qooda ishee kan baatu ta’uu kaasaniiru.
Mareen biyyaalessaa galma qabameef akka ga’u mariin Ityoophiyaanoota hunda biratti fudhatama qabuu fi adeemsa siyaasaa ifa ta’e qabu gaggeeffaamu qaba jedhan.
Muummeen Ministiraa Kaanaadaa Jastiin Truudoo fi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yeroo dhihoo as irra deddeebiin bilbilaan mari’achuu isaanii ibsaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment