Twiitarri ittisa koroonaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1 laachufi

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Hoji raawwachiisaan Twiitarii Jaak Doorseey weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 taasisuufi.

Jaak Doorseey kana kan beeksisan fuula Twiitarii isaaniirratti.

Jaak Doorseey amma umriin isaanii waggaa 43.

Sooressichi hundeessaa Twiitarii fi Skuweer yoo ta’an, deeggarsichi qabeenya isaanitirraa %28 akka ta’es eeraniiru.

Ameerikaan sababii weerara vaayrasii koroonaatin lammiileeshee kumaa ol ta’an du’aan dhabdeetti.

Ogeeyyiin yaalaa haguuggii afaanii, kaawwannaa harkaa, veentileetarii dhabuun rakkachaa jiru.

Appilikeeshiniin gabaa Skuweer gabaa gaarii kan qabu yammuu ta’u, gurgurtaan aksiyoonasaas hojii tola oolmaaf oola jedhan.

Weerarri vaayrasichaa to’annaa jala ega oolen booda, fandichi deeggarsa barnootaa fi fayyaa dubartootaaf oola jedhan.

Hundeessaan Feesbuukii Maark Zuukarbarg Doolaara miiliyoona 30 weeraricha ittisuuf waadaa galuun isaa ni yaadatama.

Abbaan qabeenyaa Amaazoon Jeef Beezoos gama isaanitiin Doolaara miiliyoona 100 waadaa galaniiru.

Abbaan qabeenyaa Aappil Tiim Kuuk, baatii darbe Xaaliyaanif deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment