Tuurk Magaalaa Istaanbulitti xiyyaarri caccabuun lubbun namoota sadii darbe

Finfinnee, Amajii 28, 2012 (FBC) – Tuurk magaalaa Istaanbuulitti Xiyyaarri qubachuuf ture tokko bakka saditti addaan bahe.

Balaa Xiyyaaraa mudate kanaan namni sadi yoo du’u namoonni 170 ol madaa’aniiru.

Xiyyaarri dhaabbata Pegaasus ta’e imaltoota 171 fi hojjattoota dhaabbatichaa 6 fe’atee bulchiinsa  Izmir Lixa Tuurkirra ka’ee battala dirree Xiyyaaraa Istanbuul qubatuuf miila lafaan gahetti bakka saditti addaan baba’uu isaa aanga’oonni biyyattii himaniiru.

Ministeerri Geejjibaa Tuurk Mehmet Kahit Turhan akka ibsanitti  balaa Xiyyaara Booying 737 irra gahe kanaaf sababa kan tahe yeroo lafa qubattutti humna isaa xiqqeessuu dadhabudha jedhaniiru.

Battala balaan kun uumameetti dirreen xiyyaaraa balaan kun itti dhaqqabe cufamee, Xiyyaaronni biraa dirree xiyyaaraa biraa irra akka qubatan taasifame.

Kaantibaan magaalaa Istaanbul Alii Yerlikaya akka akka dubbatanitti xiyyaarri Pegaasus qilleensa hamaa ture irraa yeroo qubatetti mucucaatuu malaa jedhan.

Maddi:- BBC

 

Comments (0)
Add Comment