Turtiin Dooktar Abiy Roomitti taasisan hojii dippiloomaasiin milkaa’inni kan itti argameedha – Billenee Siyyum

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Turtiin Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Roomitti taasisan
hojii dippilomaasiin milkaa’inni kan itti argame ta’uu Itti Gaafatamtuun Seekreetariyaat Pireesii Waajjira Muummee Ministiraa Billenee Siyyum himaniiru.

Ityoophiyaan biyya godaantonni seeraan Alaa keessa darbaniifi itti gadaanan ta’uus himan.

Waltajjii dhimma kanaafi biroorratti Xaaliyaanii Roomitti qophaa’e irrattis Muummeen Ministiraa FDRI Dooktarr Abiy Ahimad dhimmichi yaadessaa ta’uu sirnaan ibsuu dubbataniiru.

Rakkoo kanaaf fala dhawuufis garaa garummaan fagoo ta’e biyyoota dureeyuii fi hiyyeeyyii gidduu jiru xiqqeessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru jedhan.

Biyyoota guddinarra jiraniif kanfaltii liqii hir’isuun hojiilee hiyyummaa hir’isan akka raawwataniif tumsi barbaachisaa ta’uu akeekuu eeraniiru.

Akkasumad Dooktar Abiy Dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti yaa’ii Sirna nyaataa Roomitti qophaa’e irratti muuxannoo Ityoophiyaa dhiyeessuu Billeneen ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment