Turkiyyeen bara 2023tti gaazii uumamaa meetirik kuubii miiliyoona 10 galaana gurraacharraa gara biyyaatti daddabarsuufi jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Turkiyyeen kurmaana jalqabaa bara 2023tti guyyaa guyyaan gaazii uumamaa meetirik kuubii miiliyoona 10 galaana gurraacharraa gara biyya keessaatti daddabarsuuf ta’uu Preezdaantiin biyyattii Reesip Xaayip Erdoogaan ibsan.

Biyyattiin kurmaana jalqabaa bara 2023tti  galaana gurraacha bakka maddisiisa gaazii Saakaariyaarraa gara daddabrsa gaazii biyyaalessaatti naannessuu kan eegaltu ta’uu dubbataniiru.

Biyyattiin boba’aa akka furtuu tumsaatti malee madda walitti bu’iinsaa akka ta’uuf kan hin eeyyamne ta’uu kaasaniiru.

Turkiyyee biyya rakkoo dhiyeesii boba’aa guutumaan guutuutti furte hanga taasisnutti qabsoon keenya karaa garaagaraa itti fufa jechuu TRTn gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment