Turkiitti Waldaan tokkummaa fi tumsa Ityoophiyaanoota lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Doolaraa kuma 28 taasise

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Turkiitti Waldaan tokkummaa fi tumsa Ityoophiyaanoota lammiilee buqqa’anii fi deebisanii dhaabuuf kan ooluu deeggarsa Doolaraa Ameerikaa kuma 28 taasiseera.

Miseensoonni waldichaa wayita gara biyyaa deemaniitti maallaqicha qaama dhimmi ilaallatuuf kan laataan ta’uu Turkiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammad himaniiru.

Waldichi deeggarsa taasisuu cimsee kan itti fufuu fi diyaaspooraa misoomaa biyyarratti haala hirmaachuu danda’uurratti mariin taasifamuu ragaan Imbaasicharra argamee ni muul’dhisa.

Turkiitti Waldaan tokkummaa fi tumsa Ityoophiyaanoota bara Faranjoota 2020 baatii Muddeeti kan hundaa’ee.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment