Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Turkiin qajeeltoo Ityoophiyaa “ Rakkoo Afriikaaf Furmaanni Afrikaanoota” jedha kan deeggartu ta’uu ibsameera.
Baahireenitti Ambaasaaddarri Qonsilaa Ityoophiyaa Jamaal Bakar Baahireenitti Ambaasaaddara Turkii Asin Akaal waliin dhimmoota biyyoota lameeniirratti marii’achuu ibsameera.
Marichaan Ambaasaaddar Jamaal biyyoonni lameen gaanfa Afrikaatti akkasumas akka Ardichaatti nageenyii fi tasgabbiin akka bu’uu fi tumsii diinagdee akka uumamuuf hojiin eegalame cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.
Ambaasaaddar Asiin gama isaaniin jijjiirama gama Ityoophiyaan jiru itti dhiyeenyaan kan hordofan ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii warreen kaaniif fakkeenya kan ta’u hariiroo nageenyaa, siyaasaa, dinagdee fi uummataa kan qabaniifi fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis Ambaasaaddarichi dhimma hidha haaromsaarratti qajeeltoo Ityoophiyaan”Rakkoo Afriikaaf Furmaanni Afriikaanoota” jedhuun waldhabdee jiru furuuf sochootu kan deeggaran ta’uu marichaan kaasuu isaanii ragaan Baahireenitti waajjira Qonsilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.