Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Turki Lammiileen ishee Sudaan keessa turan karaa daangaa Ityoophiyaa akka ba’aniif deeggarsa Ityoophiyaan taasifteef galateeffatteerti.
Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammad Ministeera Dhimma Alaa Turkitti Daayreektara Jeneraalaa biyyoota Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Ambaasaaddar Eeliif Choomoogluu waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo waloo fi naannawaarratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Mootummaan Ityoophiyaa lammiileen Turkii Sudaan keessa turan karaa daangaa Ityoophiyaa akka ba’aniif deeggarsa taasiiseef Ambaasaaddar Eeliif galateeffataniiru.
Hariiroo waloo fayyadamummaa biyyoota lamaanii dameen hundaan caalmaatti cimsuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.