Turk oomishaalee Yuukreen gabaa addunyaaf dhiyeessuuf Raashiyaa waliin waliigalteerra ga’uu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Turk karaa Galaanaa Gurraachaa oomishaalee Yuukreen gabaa addunyaaf dhiyeessuuf Raashiyaa waliin waliigalteerra ga’uu beeksiifteerti.
Waliigalticha hordofee bakka barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez argamanitti bakka bu’oota Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti magaalaa Istaanbuul keessatti sirni mallattoo sanadootaa raawwatamuu ibsameera.
Manni Hojii Ministeera Dhimma Alaa Yuukreen oomishaaleen midhaan dheedhii Galaanaa Gurraachaarraa ka’uun gabaa addunyaaf akka dhiyaatu sanada waliigaltee ni mallatteessaan eegama.
Baatii Bitootessaa, erga Raashiyaan Yuukreen weerarterraa eegalee hanga ammaatti oomishaaleen midhaan dheedhii Yuukreen gabaa addunyaaf dhiyaatee hin beeku.
Geejjibni Buufata Galaana Gurraachaa gufachuu hordofee oomishaaleen midhaan dheedhii tooniin miiliyoonni 20 ol Oodeesaa Siiloositti kuufamee kan argamu ta’uu BBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment