Tumsitoonni misoomaa Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf deeggarsa taasisan cimsuu qabu-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)- Tumsitoonni misoomaa Ardii Afrikaa fi Idil Addunyaa Afrikaatti nageenya waara mirkaneessuuf deeggarsa taasisan cimsuu akka qaban Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Koonfiraansiin Nageenyaa Sadarkaa Ardii Afrikaa mata duree “Afrikaa badhaatee fi nagaa haa ijaarru” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Saganticharratti Obbo Taaggasaa Caafoon akka jedhanitti, nagaan bu’uura guddina hawaasaa fi badhadhinaati.

Kanaaf tumsitoonni misoomaa Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf deeggarsa taasisan cimsanii itti fufuu qabu jedhan.
Rakkoolee Afrika miira Paan Afrikummaan furuuf tattaaffii waloo akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Koonfiraansichis jalqabbii haaraa ta’uu kan kaasan Obbo Taaggasaan, tokkummaan Afrikaa badhaatee fi nageenyi ishee mirkanaa’ee ijaaruuf waadaa galle kan itti haaromsinuudha jedhaniiru.

Har’as, hojiilee waloo gaggeeffaman egeree dhalootaa kan jijjiiru ta’uu beekuun marii, araaraa fi walta’iinsa cimsuuf taattaaffi taasifamuf tokkummaan dhaabbachuu qabna jechuu TOI gabaaseera.

Manni maree bakka bu’oota ummataas ardittiitti nageenya waaraa ijaaruuf tattaaffii taasifamu akka tumsu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment