Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Fiinlaandi tumsa adda addaa Itiyoophiyaa waliin gama barnootaan qabdu cimsuun barbaada jette.
Ministirri barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa Ministeera Dhima Alaa Fiinlaanditti, jila Ittigaafatamaa Dhimmoota Afrikaa, Baha Giddugaleessaa fi Laatiin Ameerikaa Ambaasaaddar Helenaa Ayraaksiinaniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Hojiiwwan gurguddoo damee barnootaan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiran wayituma kana jila kanaaf ibsaniiru.
Barnoota qulqulluu haqaan lammiilee hunda biraan ga’uuf xiyyeeffaannaan hojjetamaa jiras jedhan.
Akka Ministirichi ibsanitti, deggersi qooda fudhattoota irraa argamus dhimmoota daa’immanii fi ol-adeemtonni barnoota qulqulluu akka argatan dandeessisan irra qisassama malee akka ooluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Ambaasaaddar Heleenaan gama isaaniin, Fiinlaandi Itiyoophiyaa waliin gama damee barnootaan hojiiwwan hedduu tumsaan hojjechuu ibsanii, kunis cimee itti fufa jechuu isaanii ragaan Ministeera Barnootaa irraa argame ni mul’isa.