Tumsa naannawaa daangaa guddisuun walitti hidhamiinsa naannawaa dhugoomsa – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Tumsa naannawaa daangaa guddisuun walitti hidhamiinsa naannawaa dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Obbo Ahimad Shiideen walga’ii Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Ameerikaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti walga’ii Ministirootaa Inisheetiivii biyyoota Gaanfa Afrikaa 16ffaarratti hirmaataniiru.

Tumsa naannawaa daangaa guddisuun walitti hidhamiinsa naannawaa dhugoomsuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Galma Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa qabate milkeessuuf ga’ee addaa qabaachuu ibsaniiru.

Rakkoolee namtolchee fi uumamaa naannawicha mudatu qolachuuf miseensonni Inisheetivichaa fi qooda fudhattoonni tattaaffii taasisuu akka qaban hubachiisuu ragaan Ameerikaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Inisheetivichi bara Faranjootaa 2019 kan hundaa’e yoo ta’u, Ityoophiyaa, Somaaliyaa, Jiibutii,Keeniyaa fi Eertiraan miseensa ta’uu isaanii eerameera.

Comments (0)
Add Comment