Tumsa Humna Raayyaa Ittisaa Paan Afrikaanizimii dhugoomsuuf tarsiimoon kan barbaachisu ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Tumsa Humna Raayyaa Ittisaa Paan Afrikaanizimii dhugoomsuuf tarsiimoon kan barbaachisu ta’uu Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Yaa’iin Jalqabaa Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Onkololeessa 5,2017 eegalee Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Yaa’icharratti barreeffama ka’umsa marii kan dhiyeessan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Afrikaan tokkummaa ishee yoo hin cimsine akkuma kanaan duraa dirree qoosaa ta’uun itti fufti jedhan.

Ardichi rakkoolee hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee hedduuf saaxilamuu kaasuun, gochaa Shororkeessummaa, garee Finxaaleyyii, saamtoota galaanaarraa fi walitti bu’iinsa daangaa ce’aan unkuramaa jiraachuu dubbataniiru.

Humni alaa kallattii fi al kallattiin nageenya ardichaarratti sodaa uumuu eeraniiru.

Rakkoolee kanneen waaraan furuuf tumsa Humna Raayyaa Ittisaa Paan Afrikaanizimiif tarsiimoo haaraan barbaachisu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment