Tumsa biyyoota gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Deeggarsaa fi tumsa diinagdee, nageenyaa fi misooma naannawaa biyyoota gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa cimsuun barbaachisaa ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.

Obbo Dammaqaan konfirensii nageenyaa Muunik 58ffaa nageenya gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaarratti xiyyeeffateerratti hirmaachaa jiru.

Walitti hidhamiinsaa Diinagdee nageenyaa, fi misooma gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaaf deeggarsii fi tumsi kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Finxaaleyyii naannichaa dhabamsiisuuf hawaasni idil addunyaa deeggarsa cimaa akka taasiisan gaafataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment