Traamp karoora nageenya giddugala bahaa ifoomsan

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp karoora nageenyaa giddugala bahaa ifoomsaniiru.

Traamp karooricha muummee ministiraa Israa’eel Beeniyaamiin Neetaaniyaahuu waliin ifoomsaniiru.

Karoorichaan bulchiinsi naannoo Filisxeem akka hundaa’uf yaada dhiyessaniiru.

Kanarra darbee Weest Baank bulchiinsa naannoo Israa’eel akka taatuf karoorichaan ifoomsaniiru.

Traamp karoora nageenya giddugala bahaa kanaan magaalaan Yerusaaleem qabeenya dhuunfaa Israa’eel qofa akka taatuuf akka hojjetan waadaa galaniiru.

Dabalataan karoorri Traamp Filisxeemoonnis ta’e Israa’elloonni wayita amma naannoo jiraatanii fi mana jireenya isaanii akka gadi hin dhiisnee himaniiru.

Traamp karoorri haaraan kun Filisxeemotaaf filannoo nageenya isa xumuraati jedhaniiru.

Gama biraatin ammoo Filisxeemonni karoora Traamp irratti moormii isaanii dhageessisaniiru.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment