Traamp humna waraanaa hawaa hojii eegalchiisan

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp humna waraanaa hawaa hojii eegalchiisan.

Traamp humni hawaa barbaachisaa ta’uu kan amanan, buufata waraanaa dhiyeenya Waashingitanitti argamuu hojii eegalchiisaniiru.

Humni hawaa sirna loltummaa haaraa addunyaa kanaa ta’uu dubbataniiru.

Yeroo nageenyi biyyaaleessaa sodaachiisaa ta’e kanatti humni hawaa ol aantummaa Ameerikaa mirkaneessuuf barbaachisaadha jedhaniiru.

Humni waraanaa hawaa sodaa nageenyaa fi gochoota walitti bu’iinsa uumaan ittisuu fi Ameerikaan iddoo olaanaa irra akka jiraattu ishee dandeessa jedhan.

Humni hawaa kun  humna qilleensaa kuma 16 fi hojjettoota siiviilii kan hammate ta’uu barreessaa olaanaan humna qilleenssa Ameerikaa ibsaniiru.

Baajata waggaa humna waraanaaf Doolaraa biiliyoona 738 ramadame keessaa miiliyoonni 40 ijaarsa marsaa jalqabaa humna hawaaf kan oolu ta’uu dubbatameera.

Maddi:- BBC

Comments (0)
Add Comment