Traamp himata aangoorraa kaafamuu isaan irratti banameerra bilisa ta’an

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp himata aangoorraa kaafamuu isaan irratti banameerra bilisa ta’aniiru.

Seeneetaroonni Ameerikaa ragaalee preezdaant Traamp aangooorraa kaafamuu dhiyaate erga dhaggefatanii booda Traamp sagalee caalmaa argachuun himata isaan irratti banamee tureerraa bilisa ba’aniiru.

Yakki isaan ittiin himataman kan hiikaa hin qabneedha jedhaniiru.

Seeneetiin Ripaablikaanoota michuu Traamp ta’aanii hogganamuu keessatti Traamp himata aangootti humna ol fayyadamuurraa bilisa akka ba’aniif sagalee 52-48, yoo argatan hojmaata koongiraasichaa danquu kan jedhaan ammoo sagalee 53-47n bilisa akka ba’an murteessera.

Preezdaant Traamp yeroo lammataaf Ameerikaa bulchuuf filannoof kan dhiyaataan ta’u himameera.

Seeneetiin Ameerikaa dhimma filannoorratti Yuukreen waliin hojjetaniiru jedhuus preezdantiin Ameerikaa 45 ffa kun aangoorraa akka hin kaafamne sagalee lakkaa’ameen murteessera.

Preezdaant Traamp himannicharraa osoo bilisa hin baane ta’e ittii aanaa isaanii Maayk Peensiif Waayit Haawusii gadi dhiisanii ba’u turan.

Traamp himatamuun isaanii erga dhaga’amee gocha badaa kamuu hin hojjenne jechuun himannicha haalaa turaniiru.

Gochi badaa fi hiika hin qabne kun tooftaa filannoo Demookraatotaatiis jedhaniru.

Fudhatamni Traamp lammiilee Ameerikaarraa qaban torbee kana 49% ga’eera.

Traamp guyyaa har’a himanicharraa bilasa ta’u isaanii twiitara isaaniin yaada ni kennu jedhamee eeggama.

Ripaablikaanota Seeneetii keessaa aangootti humna ol fayyadamaniiru kan jedhuuf himaticha deeggaruun sagalee kan kenne Miit Roomnii qofa jedhame.

Riipaablikaanootuma keessaa kanneen amala Traamp qeeqan jiraataniis sadarka aangoorraa isaan kaasuu hin ga’u jechuun mormaniiru.

Traamp seenaa Ameerikaa keessatti Preezdantii himatni aangoorraa kaafamuu irratti dhiyaate isaan sadaffaadha jedhameera.

Maddi:-BBC

 

Comments (0)
Add Comment