Traamp filannoon akka dheereffamu gaafatan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp filannoon akka dheereffamu gaafatan.
 
Preezdaantichi filannoon preezdaantummaa Sadaasa 2020 gaggeeffamu akka dheereffamu gaafataniiru.
 
Bulchiinsonni Ameerikaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin filannoon gaggeeffamu tajaajila poostatiin akka deeggaramu gaafataniit turan.
 
Preezdaantichi garuu filannichi haala kanaan yoo gaggeeffame ni burjaajja’a, bu’aa dogoggoraa fiduu malaanis akka dheereffamu gaafataniiru.
 
Yeroon filannoo yoo dheereffame, Ameerikaanonni nageenyi isaanii eegamee, sirnaan akka filatan gargaaras jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Maddi; BBC
Comments (0)
Add Comment