Torbeen Turizimii Oromiyaa 3ffaan Finfinnee Hoteela Iskaaylayititti eegale

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) –Torbeen Turizimii Oromiyaa 3ffaan Finfinnee Hoteela Iskaaylayititti eegaleera.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluu dabalatee hoggantoonni mootummaa saganticharratti argamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinagdee seektera turizimiirraa argamu cimsuuf xiyyeeffannoo hojjachaa jiraachuu Obbo Abdulhaakim Muluun ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinadgeefi hawaasummaa uummataa cimsuuf turizimiirratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu eeraniiru.

Diinadgee damdaneessaa uumuudhaaf qabeenyaa fi humna namaa qindeessuun hojiilee jajjabeessaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Waggoota sadan dabranitti hojii sektarichaan hojjetamaniin bu’aaleen gaggaariin hedduun argamuu eeraniiru.

Torbee turizimii Oromiyaa kanarrattis dhaabbileen hojii turizimiirratti hojjatan oomisha isaanii beeksifachaa kan jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment