Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Guyyootaa afuriif kan turu torbeen teeknooloojii fi tuuriizimii Oromiyaa, teeknooloojii fayyadamuun bakkeewwan hawwata tuuriizimii Oromiyaa beeksisuurratti xiyyeeffate Finfinneetti eegalameera.
Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, Ityoophiyaa biyyaa qabeenyaa umamaan badhaate taatus, hammaa barbaadamu damee tuuriizimirraa fayyadamtuu akka hintaane kaasaniiru.
Biyyattiin damee tuuriizimiirraa akka fayyadamtuuf Koomishinii Tuurizimii hundeessuun bakkeewwan hawata tuuriizimii Oromiyaa sadarkaa idil addunyatti beeksisuuf hojiileen bal’aan hojjetamuu Obbo Shimallis ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Tuuriizimii Naassisee Caalii gama isaaniin, qabeenya tuuriizimii Ityoophiyaan qabdu beekumsarratti kan hinhundoofne waan ta’eef damecharraa biyyattiin fayyadamuu akka hindandeenya ibsaniiru.
Dameen tuuriizimii damee diinagdee keessatti dabalamuun, hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Koomishinarri Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gama isaaniin, bakkeewwan hawwata tuuriizimii Oromiyaa beeksisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu kaasanii, damecharratti dargaggoota gurmeessuun carraan hojii umamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirna baniinsaa torbee teeknooloojii fi tuuriizimii kanarratti aanga’oonni mootummaa federal fi naannoo Oromiyaa argamaniiru.
Lalisee Tasfaayee fi Qiddist Birhaanuutu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.