Torbeen Faashinaa Afrikaa 8ffaan magaalaa Finfinneetti jalqabame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Agarsiifni  Faashinaa  Boorsaaring Afrikaa 8ffaan magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayitti jalqabame.

Agarsiisichaan oomishtoonni idil addunyaa biyyoota 30 irraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u oomishaaleen jirbii, gogaa fi  teeknooloojii dhiyaataniiru.

Agarsiisicha kan qopheessan  Ministeera Indaastirii ,Waldaa Oomishaa Huccuu Ityoophiyaafi garee Firaankfart ta’uu eerameera.

Agarsiisichi guyyoota 4’f kan turu ta’uufi muuxxannoo wal jijjiiruuf faayida olaanaa qabaachuu ibsameera.

Taarikuu Laaggasatuu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment