“Torbeen Dippiloomaasii” Itiyoophiyaa ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Torbeen Dippiloomaasii Itiyoophiyaa har’as itti fufee gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u sagantichaa ilaalchisuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.

Waltajji marichaarratti warraqaan qorannoo Itiyoophiyaan, teessoo Afrikaa hanga waltajjiiwwan Addunyaatti hariiroon dippiloomaasii taasisaa turte irratti xiyyeeffate dhiyaateera.

Qorannichaan hariiroon dippiloomaasii bara 1900 irraa hanga ammatti jiru ciminaafi hanqinaaleen qabu xiinxalameera.

Sochii Paan Afrikaaniizimiin tokkummaa Afrikaanotaa cimsuu keessatti qooda Itiyoophiyaan bahachaa turte, adeemsa Itiyoophiyaan karra galaanaa itti dhabdee fi dhibbaawwan turan kaafamaniiru.

Akkasumas hariiroon biyyoota waliin umteen damee barnootaan, diinagdee fi dhimmota garaagaraan tumsa taasisaa tureen bu’aan argame Hayyuun Seenaa Pirofeesar Bahaaruu Zawudeen dhiyaateera.

Bara waraana ololaa fi waraanicha booda milkaa’inaa fi hanqinaalee hariiroo dippiloomaasii Itiyoophiyaa irratti Ambaasaadar Diinaa Muftiin qorannoo dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaan hundeeffama “League Of Nation” fi Gamtaa Afrikaa keessatti bilisummaa biyyoota Afrikaa hedduuf deeggarsa roga maraa taasiisuu kaasuuniiru.

Akkasumas injifannoowwan Itiyoophiyaan gonfatte qorannichaan dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

“Dippiloomaasii Keenya faayidaa biyyaaleessaa keenyaaf” mata duree jedun gaggeeffamaa kan jiru “Torbeen Dippiloomaasii Itiyoophiyaa hanga Amajjii 24’tti itti fufa.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment