Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)- Torbeen Dijitaal Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf Wiixata dhufurraa eegalee kabajama.
Sagantichis mata duree “Tattaaffii waloo keenya Dijitaala Itiyoophiyaaf” jedhuun hojiilee ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaa hojjetaman beeksisuu fi hawaasni teeknoolojii dijitaalawaa akka fayyadamuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeeffatedha jedhameera.
Tarsimoon dijitalaa Itiyoophiyaa 2025, imaammata saayinsii, teeknoolojii fi innooveeshini, tajaajilaa oonlaayinii mootummaa, eegumsaa daataa dhuunfaa, tarsiimoo ikoomersii, tarsiimoo elektirooniksii mootummaa, labsiiwwanii fi dhimmoota walfakkaataan biroorratti kan mari’atamu ta’uun eerameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.