Torbeen Daldalaa kan Itiyoophiyaa Bitadhaa jedhu baname

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Torbeen Daldalaa kan Itiyoophiyaa Bitadhaa jedhu banameera.

Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddu gala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii fi Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshii Obbo Aganyahu Tashaagar torbee Daldala Addaa kana banuun hojii eegalchiisaniiru.

Torbee Daldalaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan qophaa’e kanarratti Ergitoonnii fi alaa galchitoonni oomishaalee garaagaraa Shamattootaaf dhiyeessu jedhame.

Torbeen Daldala Addaa kun har’aa eegalee hanga Hagayya 23, 2016 tura.

Akkasumas Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan kan ijaarame giddugalli gabaa alaa eebbifameera.

Giddugalli kun oomishaalee Itiyoophiyaan alatti ergitu agarsiisa jedhame.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment