Torbeen Busaa Biyyaalessaa 5ffaan Asoosaatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Torbeen Busaa Biyyaalessaa 5ffaan Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti kabajameera.

Sagantaan kunis mata duree “Busaa balleessuun anarraa eegalaa” jedhuun kan kabajame yoo ta’u, waltajjicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi qondaaltonni sadarkaa federaalaa fi naannichaa biroon argamaniiru.

Dooktar Liyaan akka jedhanitti, bara 2015 tatamsa’ina dhibee busaa ittisuuf aanaalee 537’tti agoobara siree miiliyoona 19.7 raabsamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan lammiilee miiliyoona 40 fayyadamtootaa agoobara siree ta’uu eeranii, manneen miiliyoona tokko keemikaalaa farra bookee busaa biifamuu himaniiru.

Lammiileen hunduu agoobara siree fayyadamuu fi manneen jireenyaa fara keemikaala bookee busaa biifsisuun tatamsa’ina dhibechaa hir’isuun akka barbaachisu Dooktar Liyaan hubachiisaniiru.

Obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, dhibeen busaa lammiilee irratti miidhaa gama hundaa geessisu ittisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaachuu akka qaban ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment