Torbeen Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee baname

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)-Torbeen Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa 14ffaan sadarkaa Magaalaa Finfinnee baname.

Sagantichi mata duree “Teekinikaa fi ogummaa misooma waaraaf” mata duree jedhuun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinneee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Dhaabbileen Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa (BLTO) kallattii ogummaan hogganamuu hordofuun akka hojjetan deeggarsaa fi hordoffii taasisaa jiraachuu ibsan.

Haaluma kanaan carraa hojii uumuutti dabalataan omishtummaa dabaluun akka danda’ame kaasan.

Dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa interpiraayizoonni akka duubatti hindeebine, miseensonni isaanii aadaa hojii fi ogummaan dagaagaa ofii isaaniirra darbee kanneen biroof carraa hojii uumuu, oomisha bakka bu’an oomishuun gabaaf dhiyeessuu, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuun sharafa alaa hambisuu keessatti gumaachaniiru jedhan.

Dhaabbileen BLTO leenjii kennuun maddiitti teeknooloojiiwwan mijaa’oo fi oomishtummaa guddisan adda baasuun misoomsuu fi madaqsuurratti akka argaman eeranii, bu’aalee dhaabbileetti argaman agarsiisan akka dhiyeessan himaniiru.

Jiraattonni magaalattis agarsiisaa guyyoota ja’aaf turu akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment