Torbeen aadaa bifa adda ta’een Magaalaa Shaashamanneetti ni kabajama – Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Guyyaan Torbee Aadaa bifa adda ta’een Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti kan kabajamu ta’uu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.
Kabaja ayyaana kanaa irrattis jilli Aadaa naannolee Ityoophiyaa 11 irraa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usumaan.
Akkasumas Hoggantootni olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo torbee aadaa kana irratti ni hirmaatu jedhan.
Torbeen aadaa kun mata duree ‘Guddina aadaa keenyaa madda tuurizimii keenyaaf’ jedhuun Bitootessa 18 bara 2014 Magaalaa Shaashamanneetti sirna ho’aa ta’een ni kabajama.
Aanaaleen Godina Arsii Lixaa 17 agarsiisa Aadaa garaagaraa ni dhiheessu jedhame.
Kabaja ayyaanichaafis qophiin barbaachisu hunduu xumuramuu Aadde Sa’aadaan himaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun torbee Aadaa Magaalaa Finfinneetti qopheessuuf haaldureen hunduu xumuramuu Aadde Sa’aadaan himaniiru.
Kaayyoon agarsiisa kanaas aadaa Oromoo beeksisuun galii tuurizimii irraa argachuuf akka ta’es eerameera.
Hayyoonnii fi namoonni Guddina Aartii fi Aadaa Oromoo keessattii shoora isaanii bahachaa turanis Beekamtii kan itti argatan ta’a jedhan.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment