Torbee tokko keessatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 42 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Sadaasa 11-17, 2013tti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 42 fi kuma dhibba 7 fi kuma 49 olitti tilmaamamu too’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen waraanaa garaagaraa, baalli sammuu adoochu, Bunni, Gaalawwan, Uffataleenii fi meeshaaleen elektirooniksii hedduun dameewwan Gumrukaa adda addaatti too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Hordoffii fi too’annoo taasiifameen meeshaleen kunneen buufata Gumrukaa damee, Hawaasaa, Mooyaalee, Asoosaa, fi Kombolchaatti too’atamuu ragaan Ministeera Galiiwwanii irraa argame ni agarsiisa.

Konkolaattoonnii fi qaamoleen meeshaalee kanneen daddabarsaa turan hedduun too’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment