Torbee lamaan dhufan keessatti Hurufti Boombii tajaajila duraa kan eegalu ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Torbee lamaan dhufan keessatti Hurufti Boombii tajaajila duraa kan eegalu ta’uu itti aantuu kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Hoggantoonni magaalaa Finfinnee dargaggoota, hawaasa Ispoortii, fi Artiistoota waliin  ta’uun Hurufa Boombii (Jaan Meedaa) qulqulleessaniiru.

Hurufti Boombii ayyaana Cuuphaaf qophii akka ta’uu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu itti aantuun kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Ayyaanichi hoo’inaa fi duudhaa isaa eegee akka kabajamu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Daldaltoonni Giddugala Kuduraa fi Muduraa Hurufa Boombii jiran guyyaa boruu eegalee gara Hayilee Gaarmantiitti kan jijjiirraman ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.

Aadde Adaanach adeemsa iddoo jijjiirraa ilaalchisuu daldaltoota Kuduraa fi Muduraa kanneen waliin mari’ataniiru.

Daldaltoonni kunneenis deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiisaa jirutti gammaduun iddoo qophaa’eetti jijjiirramuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment