Torbee darbe meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 76tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) –Torbee darbe meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 76.3tti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiseera.

Hagayya 6-12,2014tti hordoffii taasiifameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa seenuuf turan Birrii miiliyoona 66.1 olitti tilmaamamuu fi gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 10.2 tilmaamamu Dameewwan Gumurukaa Garaagaraatti to’atamuu himeera.

Meeshaaleen kunneen Buufataalee sakattoo Adaamaa, Dirree Dawaa, Mooyaaleetti to’atamuu eereera.

Uffataaleen, Boba’aan, Horiin Dhaabbii, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, qaama jijjiirraa konkolaattotaa,Jimaa,baalli Sammuu adoochuu, Zayitni Nyaataa fi maallaqoonni biyyoota adda addaa kanneen to’ataman keessaa hangafoota ta’uu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment